|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
Ayyaana Irreechaa Belgium Bara 2011 Belgium Magaalaa Antwerpen keessatti kabajaa Ayyaana Irreechaa yaroo duratiif haala adda ta’een raawwacuuf qophiin barbaachisu xumuramee jira. OROMOON Belgium fi olla ishee jiraatanis sirna kanarrati hargamuuf hawwii guddaan eeggachaa akka jiran dhaamsa karaa adda addaa nugahaa jirurraa hubanneerra. Oromoon Waaqqeefaattan, Kirtsiyana fi Musilimaa hundi, Irreechi kan Oromoo tokkummaan qaabu waan ta’eef yeroo murtessaa itti wal argee waggatti afaan isaa galuun waaqa isaa itti galatefattuu dha. Kanaaf baga jala bultii Ayyaana Irreechaa kan bara 2011tin isin gahe jechaa, guyyaa kana miidhagina sirna kanaaf amma danda’ametti uffannaa Aadaa akka miidhagdanii argamttan abdanna. Akkuma barame daa’imman kuula bareedina sirna kanaa waan ta’aniif dhiiftanii hin dhufinaa ! Guyyaan: Onkoloolessa 2, 2011 Sa’aan: Waaree booda 2:00 irratti Bakki: Park Brielshans bakka kuba mila Oromo 2600 Berchem, Antwerpen Bus 190, 195,196 297,Tram 15, 7
Hubachiisa Sa’aa fi bakka jedhametti yeroo wal agarru, sagantaan raawwii sirna kanaaf qabame edda himameen booda gara malkaa Irreechatti deemana. Hibsa dabalataaf L.B: O488 47 93 60 Ykn 0494 99 97 78 gargaaramaa Tokkummaan Humna, Irreechi kan Oromoo hundaa ti !!! Koree qindeesituu Ayyaana Irreechaa Belgium.
|
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |