|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
New
Page 2 home
Dr.
Getachew Jigi Demekssa’s OSA confirence 2009. Keynote Speech.
Atlanta
Mootuumaa Oromiyya Ijaaruun Dirqama
”OSAn
Oromoo beektotaa gosa hunda of keessati amatee waan jiruuf rakko
Oromoo hunda furuuf dandeeti waan qabuuf rakko kana keessa akka nu
basuu dhamacha beektoon Oromoo hund ilee akka OSA cimnaa dhabatan ni
gaafaadha”
Kabajamaa Dura ta’aa OSA DR Ababa Adunya
Kabajamtoota Miseensoota OSA
Kurmattoota,
Kabajamtoota eessmmoota HiGuyyaa
Har’aa kana barreeffama Tokkummaan Mootuummaa Oromomiyyaa
Bilisommtee Ijaaruun dirqama jedhu waltajjii kana irratti
dhiheessuu fi rakkoo uummata Oromoo isin waliin mari’achuuf carraa
naa kennameef maqaa uummata Oromoo fi GPOn qaama kaanaf galata
dhiyeesuu barbaada. Rakkoo Oromoo hundaa ni beektu, waggaa 20 ol
qoorannoo fi xiinxala bala’a fi dheeraan dhihaachaa turuu anis nan
dhagaa’a. Kanaafuu ani dhaamsaa fi furmaata maal goonu waan jedhu
firemwork xiqqaa waliin dhiheessee yaada namoonni dhiheessan hundaa
akka irratti mari’anun
barbaada. Uummatni Oromoo Gaanfa Afriikaa keessatti bilisummaa
dhabee rakkoo dhala namaaf hin malle keessatti dararamaa jiru kun
beektoota Oromoo irraa abdii guddaa Eegata. Oromoon bilisummaa
aragtee biyya isaa irratti abbaa ta’ee beektoota isaa walin guddina
biyyaa kara hunda fiduuf of
amantan hojjetee jireenya isaa jijjiiruuf hawwii gudaan nu Eegachaa
jira. Fedhii uummta kana
fashalesuf diin waan hunda gochaa jira. Ergaan koo inni guddan
Wayyaaneen Qabsoo Bilisummaa fi Qabsoo siyaasaa hunda dabalatee
fulaa isaa jijjiree gara waldhaabbdi Amanta, fi Gandatti akka
jijjiramu gochuuf karoora ol’anatti qoophesun yeroo dheeraaf
hojjeecha turan. Karoora isaan kana salphatti kan hojii irraa olchuu
kan danda’aan Qabsoo Oromoo kessatti ta’ee jira. Uummani biyyati
hundi qabsoo bilisumaa fi qabsoo mootuummaa jijjiru dhisaan wal
dhaabdee amanta fi Gandan hunda’ee irratti akka xiyefatan godhame.
Biyya keessatti saba fi sablamiin hundi lamumman utuu hin tanee,
Amantan ykn Naannoon akka wal qoodan, akka wal loolan gocha jiru.
Fknf wal dhaabdee amanta Iluabba Boraa, Arsi, Wallaga, Harargee
kessatti deemsifame. Naannoon ammo Gujii fi Boorana, Somale fi
Oromoo, Gumuzii fi Oromoo, Afari fi Oromoo, Amhara fi Oromoo kkf
adeemsifama jira. Biyya ala fi dhaabbilee qabsa’oota keessatti ammo
Nannoo fi Amanta akka baballatuu gochuun Di’aspora ala hundi fi
dhaabbileen siyaasa huda gidutti digumsa geesisa jiru. Ijoolee
Oromoo heddun immo erga diina kana utuu hin hubatiin rawwacha jiru.
Waan kun asi irratti qoofa dubanee waan xumuruu
mitti garu bakka geenye hundatti gocha kana hubachisun
barbaachisadha. Diinni Oromoo soba dhugaa fakkeessee odeessuun
aanga’oota addunyaatti michoomee gargaarsaa fi deggersa argatee
ittiin waggoota hedduuf nu garboonfate. Oromoon ammoo haqa qabu wal
hubachiisee wal tumsuun rakkoo isaa Addunyaatti ibsachuu dadhabuun
isaa nama gaddisiisa. Rakkoon kun kan irraa maddu wal tumsuu dhabuu,
odeefannoo wal jijjiiruu dhabuu, caasaa adda addaa diriirfachuu
ahanqachuu, miidiyaa fi qunnamtii cicciimaa uummachuu dhabuu,
qunnamtii kanuma jirutti iyyuu fayyadamnee yakka diinaa saaxiluu
irra olola wal irratti oofuun wal dhadhabsiisuu ta’e. Kottaa haa
mari’annuu diina irratti ololuu moo of irratti ololuutu furmata?
Yaada furmaataa maddisiisuu fi hojii qabatamaa hojjechuu dhiifnee
waan nu diigu odeessuun hojii guddaa taatee jirti, rakkoon kan
dubbatamuuf furmata barbaaduuf malee rakkoo odeessuu
qofaan furmata ta’uu hin danda’u. Paltookiin qabsoo akka gargaruuf
yaadamee baname utuu dhaaba waggaa 40 diinni ittfayyadamee utuu
diiguu fi uummata Oromoo facaasuu argaa jirra. Paaltoki keessaan
diinni gugatee ilmaan abbaa tokkoo Oromoo kan wal nyaachisaa jiru,
yamuu ta’uu miidiyaan kun faayidaa guddaa akkuma qabu ergaa diinaa
dabarsuun illee balaa guddaa qabaachuu isaa hubannee hin jirru.
Raadiyoo, TV, fi website dhaan kan odeessu rakkoo, hama, diiggaa,
olola, yoo foyyee qabate wareegama qabsa’ootaa dhageenya. Oduun
baqattootaa biyya keessaa fi biyya alaa, kan dhaabaa fi kan uummtaa
rakkoo qoofa ta’ee jira. Beekaan keenya kan odeessu rakkoo, hogganni
kan odeessu rakkoo! Gabaasa fi ergaan emailiin argannu hundaa rakkoo
hima. Mariin godhamu waa’ee rakkoo, xumurri isaa rakkoo dabalataa fi
diigumsaa ta’ee jira. Namni walga’ii deemu qoophaa’ee kan dhaqu
diguu ykn hooggana balaleefachuuf malee yaada furmataa kan
maddisiisu nama murasa ta’aa jira. Nama yaada furmataa haaraa
maddisiisu illee inaaffaan yaada isaa dhaga’uu diduun rakkoo uummata
hameessa jiru. Ummtaa keenyaaf fi hegeree Oromiyaaf yaadi dhiyataa
turan hundi lafatti gatamanii rakkoon uummatichaa akka itti dheeratu
taasifame. Dantaa sabaa fi uummataaf hojjechuun hafee dantaa murnaaf
fedhii nam‐tokkeef gugachuutu babala’te. Kanaaf adeemsa akkanaa asi
irrati dhaabnee Dhaabbilee Oromoo hundi tokkummaan gara yaada
furmataa fi hojii qabatama Tokkummaan Ummaanee Mootuummaa
Oromomiyyaa Ijaaruun dirqama qabna jedha. Dhaamsi koo iini jalqabba
kana, muranoo fi murtee keessantuu Oromoo hunda irraa barbadama.
Wagga dhufuu utuu hin tanee deebi atatama barbaadna.
Waan ani dubadhu kana hin beektan jechuu koo miti garuu, gaaffii,
haawwii fi feedhi bilisummaa uummatichi qabu fi hangan irraa quba
qabu isiinti dhaamachun fedha. Kanaaf rakkoo uummata kanaa irratti
xiyyefannoo gochuun akka irratti mari’annee furmaata barbadnuuf
waanan gudunfadhee keessaa xiiqqoo dhiheessuu barbaada:‐
1.
Rakkoo waliigala fi yaakaa uummata keenyaa irra gahaa jiru.
Uummatni Oromoo Miliyoona 40n lakkaawamuu abba biyyuumaa isaa fi
mirga hundaa molqamee, seera ittin bulmaataa qabu dhorkamee,
qabeenya isaa irratti ormii abbaa itti ta’ee, misooma fi guddina
biyyaa keessatti akka hin hirmanne taasifamee jira. Afaan fi aadaan
Oromoo akka dhokatu taasifame, tokkummaan isaa diigamee, mirga
uumamaan inni qabu irra molqame jira. Oromoo hidhun guyya hara’aa
kana ilee daran haamata jira.
A.
Mirga uummata Oromoo sarbamee fi dararama irra gahaa jiru;
Dhalli namaa mirga dhalootaa fi seeraan egamuufii qabu qaba.
Uummatni Oromoo garuuu biyya isaa keessatti lammii lammafaa ta’uu
gadi ta’ee seera addunyaa mirga bineensaa kunuunsuuf labsame illee
dhabee jira. Jaarsa jaarti, dhalaa fi dhiraa, beekaa fi wallaalaa
barataa fi qootatee bulaan hundi Oromoo ta’ee waan dhalate qoofaf
cubbuu fi yakki biyya lafaa hundi irratti
raawwatamaa jira. Waan na namadeese keessaa tokko filannoo wayyaanee
darbe irratti nammoota Qinjjit deggeran Finfinnee keessatti
ajjeefaman 193 midiyaa fi uummata Addunyaa biratti yammuu
iyyaatamuuf
Oromiyaa keessatti wayta lubbuun Oromotaa 400 ol ta’u bade addunyaa
jalaa dhokachuu isaa ti. Mootummaan Ameerikaa goolessitoota/Terriorists/
ittiin lolla jeedhee meeshaa ammayaa fi Konkolaatota ammayaa inni
waayyaneef kenne meeshaa ittiin uummata Oromoo fi uummatoota Gaanfa
Afriikaa biroo ittiin fixan taasifame. Sirna dimookraasii ittiin
ijaarra jechuun gargaarsa
wayyaaneen mootummoota dhihaa irraa guurtu sochii dimookraasii
ittiin hukkaamsuuf oolfame. Bulchiinsi pirezidanti Buush diktaatora
Ityoophiyyaan walii galee yakka barattootaa fi uummata Oromoo
irratti raawwatamee ukkaamsee hambse. Ameeriikaan deggersa
Diktaatora lubbuu
kumatamaa fixaa jiru kanaaf gootu amma illee itti fuftee jirti.
Fixiinsi lubbuu geggefamee:‐ 1. Fincila Diiddaa Garbumaan wal
qabatee lubbuun barattootaa fi uummta nagaa dhume guyyaa
tokko ifa ba’a, 2. Finfinnee Magaalaa guddittii Oromiyaa jijjiramuu
mormachuun lubbuu bade, hiidhaa fi hojii irra
ari’amuun; 3. Deggertoota ABO jedhamuun Godina Oromiyya hunda
keessatti Oromootni dhoksaa fi ifatti dhuman Hararg
ee (Gaara Sufi)tti kan dhuman
dabalatee dhokatee hafe; 4. Filannoon wal qabatee Miseensoon WFDO fi
OBK Oromiyya keessatti dhoksaadhan halkan guuramanii ajjeefaman fi
guyyaa saafaa kan ajjeefaman manatu beeka;
5. Seena biyyati keessati Miseensoon
Paarlaama 12 lammi Oromoo irra yeroo tokko dhibamani
biyya ba’uun fi uumman kumoota
heedun lakka’amu biyya ari’atamu ; 6. Uummtaa fi Uummata Amantaa fi
Gosaan walitti naaquudhan walitti buu’iinsa dhalateen kan dhume kuma
heduutti lakkaaw
ama; 7. Seeran ala murte malee Oromo
40,000 mana hidhat darbtamu fi murte siyyassan Oromooti ee mal akka
isaan
du’ii murta’uun isaa bor wayyaaneguu
waan beekanf. Mootummaan TPLF diimokiraasiin biyya Itoophiyaa
keessatti akka hin hojjenne sababa inni
ittisuuf hanga tokko isnii himuun
barbaada:‐ a. Mallas Zeenaawwii ‘Silent Killer’ fixiinsa sanyii
hiriyaa hin qabne waan raawwatee jiruuf yoo t
ayitaa irra bu’e waan addunyaan
kanaan dura hin beeknetu ifa ba’aa; b. Mallas qabeenya biyyaattii
harka 80% ol deggertoota isaa waliin dhuunfatee waan jiruuf gaafas
kunis saaxilamee harkaa bahuuf deema. Waan ta’eef aangoo gadi
dhiisuu hin barbaadu; Kynmy
ubania TPLF 1600 ol ta’uu alaqa biya
basa jiru ; c. Sabaa fi sab‐lamoota walitti buusuun lubbuu hedduu
waan balleesseef gocha duguuginsa sanyiin gaafatamuun isaas waan hin
oolle ta’uu waan beekuuf; Lammi biyyati keessa Oromoo qoofaa irr
a meshaa waraana hikachisun Oromoo
ficisisan ; d. Deggersa uummataa waan hin qabneef sirna
diimokiraasiin filaannoon dhuggaa yoom illee
akka jiraatu hin barbaadu; e.
Lammiiwwan ollaa keenyaa Somaalota sababa tokko malee daangaa ce’ee
fixiinsa dhala namaa
dalageef akka hin gaafatamneef
taayitaa irraa bu’uu hin barbaadu; Mallas Zeenaawwii fi TPLF
filannoo bara 2005 irratti injifatamanii garuu humnaan aangoo irra
turan. Uummatni akka isaan hin barbaanne filannoo kana irratti
sirriitti itti agarsiise. Aanga’ooti addunyaa keessattuu USA fi UK
murtii uummataa kana irra tarkaanfachuun deggersa isaan diktaatora
kanaaf godhan nama gaddisiisa. Yakka dugguugaa sanyii dhala namaa
irratti Itoophiyaa fi biyya ollaa keessatti raawwatame hundatti kan
itti gaafatamu Mallas Zeenaawwii ti. Sababi isaas tarkaanfiin kami
iyyuu biyyattii keessatti rawwatamu murtee Mallas malee waan hin
rawwatamneef. Kana yammuu jennu namootni gochaan kun yakka ta’uu
isaa utuu beekanii murtee kana raawwatan hundi gaafatama jalaa hin
bahan.
B. Oromoon Misooma Dinagdee fi
Hawaasummaa irraa ala ta’uu isaa;
Qabeenya Oromoo mootummaa
Federaalaan guuramee galu keessaa illee Bajata deggersa Naannoo
Oromiyaaf kennamu madaala kamiin iyyuu xiqqaa dha. Bajata waggaatti
federaala irra Gargaarsa (subside) lammii Tigiraay tokkoof qarshiin
500 yeroo ramadamu lammii Oromoo tokkoof garuu waggaatti qarshii 70
hin guutu. Kana keessaa immoo Yeroon bajata gadi dhiusuu daangessuun
erga yeroon darbee gadi dhisu, booda immoo hanqina humna
raawwachiisu
dhabiinsaan hojii irra oluu dadhabe
jechuun Miliyoona hedduu bajata gubate jedhanii naannoo
Tigraayitti ergu. Bu’uura misoomaaf
kan oolan karaan, ibsaan, telekomunikeshiniin, bishaan qulquluun,
jaal’isiin, diirreen xiyyaaraa, Oromiyaa keessatti oduun malee
qabatamaan hojjetame hin jiru. Qonnaan Oromiyaa keessaa Xaa’oo utuu
biyyoon hin qoorataminii fi xaa’oo sadarkaa isaa hin egane dhaabbata
daldalaa TPLFn gurguramu qotee bulaa Oromootti diriqiin itti
gurguruun lafa Oromiyaya summii biyyoo balleessuuuf (Soil Acidity)
akka saaxilamu godhanii jiru. Misooma qonnaa Oromiyyaa keessaa akka
kanaan badee qootatee bulaan Oromoo seenaa isaa keessatti
beela hin beekne belaaf saaxilamee
jira. Tigiraay keessatti karoorri Barnootaa, fayyaa, bishaan
dhugatii uummata waliin ga’uuf midhaan nyaataan of danda’uu sagantaa
addunyaa Miliyeniyeem bara 2015 xumuramuuf karoorfame mootummaan
naannoo Tigraayiif waan hundaa guuteefii ammuma iyyuu xumramee jira.
Kan Oromiyaa garuu hin egalamne yoon jedhe hin dogogorre,
Miidiyaatti dubachuu fi waan NGO tokko tokko hojjetan jiraachuu ni
mala garuu, Godina 17, Aanaalee 200 Gandoota 6200 ol ta’an keessatti
manni barumsaa fi Kellaan fayyaa ganda hundaa wal ga’ee jedhame yoo
gaafatame nami mirkaneesu hin jiru. Uummati 25,000 Buufata fayyaa
tokko uummati 75,000 Hospitaala ammayyaa tokko argachuu qaba kan
jedhuu karoorri kun Tigraayi keessatti malee Oromiyaa
keessatti hin hojjenne. Jal’isiin Tigraay ganda hundaa keessatti
humna mootora xixiqqaan qotee bulaan fayyadamuu Oromoof maaliif hin
yaadamne. Horsiisee bulaan Oromoo bishaan dhabee horii isaa walin
dhumaa jiru lammii sablammoota biraa hidhachiisanii itti bobbaasuun
fixuun
maaliif ?. Akasiin Oromoo baleessan
Oromiyya dhufachuu yaalaa jiru. Seera barnootaa fi kitaaba barnootaa
jijjiruun barataan Oromoo seenaa naannoo isaa barachuu dhorkamee ol
aantummaa Tigraayi fi waa’ee seenaa Aksuumii fi tokkummaa empaayera
Itiyoophiyaa ijaaruu akka barataniif godhama jira. Kitaaba
dabbalootna TPLF oogummanin barreessamanii fi Mana maxansaa
wayyaanee Meegaatti maxansiifameetu qarshii milyoonaan lakkaawamu
itti gurguratanii ol antummaa Tigray faarsuun ijoollee keenya ittiin
sammuu
doomsaa jiru. Oromummaa baleessan
Ityoophiyyumma ijaraa jiru. Lakkobsa Ummataa Oromoo dhoksudhan
lakkobsaa dura turee irra ilee gadii hanqisan ka’uudha
baajetaa haqa fi bu’uura misoomaa
akka hin arganee goodhani jiru ; Finfinneen irraa Oromiyyan Galii
argachuu qabu seeran murta’ee waggoota 18 akka hin arganee
TPLF dhorkamee jira OPDOn Oromoof
qabsa’uuf dandeeti hin qabdu ; Afaan Oromoo Afaan Biyyoleessa akka
ta’uu falmaa WFDOn gegesa jiru TPLF harkati cufee jira. WFDO
filaannoo bara 2010 ti lammi isaa bakka bu’ee wayyanee kan gafatuuf
deemu Afaan Oromoo Afaan Biyyolessa ni ta’aa moo hin ta’uudha ?
Deebiin TPLF fi OPDOn deebisan jireenya
isaan murtessuf deema yoo dhuggan
jirteef ? Sagantaa TV afaan Oromoo qabsoo meeqaan argame hanguma
ta’eefuu TV federaalaa irraa biyya alaatti tamsafamu STVO jedhanii
guutummaatti sagantaa dhaaba maxxannee wayyaanee OPDO qofa
dabarsutti jijjiiruun sana iyyuu biyya keessatti daanggeessan.
Miseenstni Paarlaamaa illee uummta keenyaaf akka hin falmneef
dhiibamnee biyyaa akka baanu taasifamne. Yeroo ammaa
kana ammoo TPLF sagantaa hunda
jijjiiree Sabaa fi Sab‐lammii biyya sana keessaa balleesse
Impaayeraa jaaruuf fiigaa jira. Labsii dhihoo kana baase keessatti
Kitaaba Herregaa ala warri kaan akka jijjiiraman gochaa jiru, kana
keessaa barreefami kan dura waa’ee mirga sabaa fi sablammii ibsan,
seenaa uummataa fi aadaa fi afaan uummataa calaqqisan hunda
jijjiruuf murteefatanii jiru. Yeroo ammaa kana Oromootni ala jirru
seenaa Oromoo, qabeenya, fayyaa fi barnoota kan ilaaluun fuula
hundaan barreessinee biyya akka galu taasisuu bannan dhalooti dhufu
seenaa Tigraay qofa barachuuf dirqisiifamaa akka jiru hubachuu qabna.
C. Oromoon Qabeenya isaa guutumaatti
TPLFn dhunfatamuu fi saamamuu ilaalchisee;
Oromoon maqaaa investimentiin lafa
isaa saamame, uummati lafa isaa irra buqqa’e beenyaa madalawaa hin
taaneen ari’amuu isaa caalaa abba qabeenyaa lafa isaa fudhatu
biratti illee dursi keennameefii akka qacaramu hin taasifamne.
Investeroonni lafa fudhatan, ashuura mootummaa naannoof galuu malu
miliyoona hedduu hin kafalle, uummati keenya carraa mana barumsaa,
buufata fayyaa kkf ykn investera irraa ykn mootummaa naannoo irraa
argachuu qaban hin arganne. Waan jedhaa jiru kanaaf Kaaba Oromiyaa
hanga Kibbaatti, Baha Oromiyaa hanga Dhihaatti fakeenya hedduu fi
kubaaniyaa hedduu maqaa isaanii isnii dhiheessuu ni danda’ama.
Maqaa abbaa qabeenyaa (investerii) jajjabeessuu jedhuun ilmaan
Tigraayi l Oromiyaa lafa qonnaa fi albudaa erga qoodatanii booda isa
hafe froottan isaanii ykn hiryoota isaanii biyya alaa keessattuu
biyyoota Arabbaatti gurgurachaa jiru. Namoota lammii biyyaa ta’an
muraasa biyya alaa irraa kottaa lafa fudhaa jechuun lafuma Oromoo
Oromootti gurgurachaa jiru. Tooftaa kanaanis siyaasaa isaanii akka
deggeran hawwachaa jiru. Akka kanaan nammooti horii fi garaa isaanii
jaallatan (money lovers) tokko tokko biyyatti galanii Wayyanneetti
harka kennachaa jiru. Inveestimentii Ityoophiyaa dugda duuba dirqama
hedduutu jira. Keessaahuu abbootii qabeenyaa Oromoo dirqama dachaatu
irra jira. Maallaqa Ityoophiaya keessa galchee irratti abba ta’uu
yoo barbade waan wayyanneen jettu fi dirqama isheen laattu hunda
raawwachuu qaba. Kanaafuu Inveesteriin ykn abbaan qabeenyaa Oromoo
biyya keessa jirus ta’e ala irraa Ityoophiyaatti galu hundi OPDO
ta’uuf dirqama. Yeroo ammaa immoo qondaalota Mootummoota biyya adda
addaa dabalatee maallaqa seeraa ala horatan lafti kennameefii
Ityoophiyaa keessaatti investi gochaa jiru, warra kana keessaa
Pirezidantii Djibutii, Pirezidaantii Sudaan, Keniyaa, Saudi Arabiya,
biyyoota arabaa fi kan biroo hedduutu lafti Oromoiyaa akka
badhaasaatti kennamaafii jira. Wayyaanoti lafa Oromootiin fira
bitachaa jiru. Qabeenyan Oromoo TPLF hirachaa jiru fi maqa
Investmentiin gurguraachaa jiru kun seera kamin iyuu haqa qabeesa
waan hin tanef bor uummataa Oromoof waan deebi’uuf namoon fi
dhaabbileen daldaalaa maqa inveestimentin qabeenya Oromoo samaama
jiru kana keessati akka hin hirmane Gummin Paarlaamaa Oromoo balinan
akeekachisa cima
dabarse jira. Yakki eenyummaa
Oromoo balleessuuuf dalagamaa jiru saamichaa fi lafa isaa irraa
buqqisuu kan caale ammoo xuriin waarshaa qilleensaa fi bishaan
summeesu, xaa’oo qonnaa biyyoo summeesuu fi kan qonnaa abaaboo ykn
daraaraa keessaa lafa Oromiyaa mancaasaa jiru lubbuu lammiiwwan
keenyaa hedduu galafachuu irra dabree, hegere Oromoo fi biyya Oromoo
balleessuuf ta’e jedhamee hojjetamaa jira. Kun ammuma dhaabbachuu
baayyee yaaddessaa dha. Kan dhaabsisuun qaama qabsoo bilisummaa
deemsisaa jirruu ti. Fakkeenyaaf lixa Wallgaa gutuumaa keessatti
biyyoon xaa’oon summaa’ee uummati qonnaan bulu rakkoo guddaa keessa
jira. Uummata lafti qonnaa isaa manca’e lubbuu isaa baraaruuf qonnaa
naannoo bifa isaa jijjiiruun homisha midhaanii irraa gara bunaa,
Urgooftuu horsiisa kannisaa fi kkf‐tti jijjiruun dirqama. Eeenyu
kana haa godhu?
Yeroo bifaa qonnaa jijjiramuu kana
keessa uummati akka hin beelofneef sagantaa gargarsaa (Safty Net)
jedhamuu jalatti gurmeessuun jireenyi uummatichaa karaa mootummaa
akka wabii argatu Paarlaamaan gaafatamaa turu gurri dhaga’u hin
argane.Waan jennu kana hundaaf furmaati Walumaa gala mootummaa kana
achi kaafnee uummati Oromoo aangoo politikaa harka isaa galfatee
ofiin of bulchu malee saamicha, cunqursaa, gidiraa fi dhiphiin
uummata keenya irraa hin
dhaabbatu. Sagantaa qabeenya uumamaa
fi uummata Oromoo Oromiyaa keessaa balleessuu kana keessatti Bosonni
Oromiyaa guutumaatti fkn. bosonni Baallee, Arsii, Gujii, Harargee,
Iluu Abbabooraa, Wallagaa fi bakkoota biroo akka badu taasifamaa
jira.Bineensotaa fi qabeenyi uumamaa biroos kana keessa dhabamaa
jiru. Gocha lammiiwwan Oromoo fi qabeenya uumaa Oromiyaa mancaasuu
kana saaxiiluun dhaabbilee miti‐ mootuummaa qabeenya kana baraaruuf
hojjetan waliin sochii cimaan hatattamaan godhamuu qaba. Wayyaneen
Hoji fi Ta’iitan biyyati ifaati Tigroota qoofan akka Oganamuu
godhamee jira. Haaluma kana sochii biyyati Malas jaalati
Minsterootan hojeetama ture bakka 5ti qoodani hundu Malas jala erga
galanni booda malas jalati namoota lammi Tigiray tananti guyya
guyyan akka gabbasan godhaman jiri. Yaaka Fixiinsaa Sanyi wayyanen
Geesisuf deemtuuf of qopheesu. Sababi isaa Humni waraana biyyati
ilmaan Tigiree qoofa ta’ee jira. Ajaajooti Waraana Ol’anannon biyyat
hundi Tigree ta’ee jira, kanaafu furmata hatatamaaf qoophee addaa
goochuu qabna. Gocha kana of irra facisuuf Oromoo qoopha’aa hin jiru.
Kanaaf atataman jeequmsa dhaabbilee Oromoo giduu jiru kana dhaabnee,
qabsoo gara diinati deebsu qabna.
m
2. Dhaabbillee siyaasaa
Oromoogiddutti rakkoo ulatu
Dhaabbileen siyaasaa Oromoo walaba
ta’an baay’achuu fi ijaramuun uummata Oromoof sodaa miti, caaraa dha
malee, biyya keessaa fi biyya alaa dhaabbilee Oromoo jirachuun karaa
hundaa bu’aa qaba, Garuu dhaabbilee heedumeesuun qoofa isaati bu’aa
hin qabu. Dhaabbilee bayyachuun matan isaa malatoo wal shakuuti.
Hawaasi biyya hin ijaarratin jiruu fi qabsootti jiruu fi diina
tokkoo waliin qabu jaarmayaa siyaasaa baayyifate ilaalchaan yoo
qoodame rakkoo qaba. Ammoo dhaabbileen Oromoo jiran baayyeen isaanii
gandaa fi gosa irratti ijaaraman yoo ta’eef adeemsi akkanaa
tokkummaa sabichaaf balaa qabaata. Hawaasi ilaalchaan qoqqoodame
tokkummaan bilisummaa isaaf lolachuu irratti dhibdee qabaata. Inni
biyya keessa jiruu rakkoo uummata keenya irra ga’uu iyyaachuun,
eenyu uummata keenya irratti yaaka hojjetaa akka jiruu galmeesuun,
saamiicha qabeenya Oromoo irratti geggeefamaa jiru eenyu akka
hojjetuu fi kkf yaakoota uummata keenya irratti raawwatamaa jiran
addunyaaaf kan gabaasan jiraachuun,
galmee seenaa booriif ni gargara.
Waldaan Maccaa ‐ Tullama fi Waqeefanaan dhorkamee qabeenyi isaa
saamamee maqaa Oromoon qaami socho’u tokko illee dhabamee jeennaan
maal goonu jechuun waggaa lama guutuu Jaarsoolii Oromoo fi Hayyuu
Oromoo walitti waamuun marii’achisuu egalle. Lammii Oromoo ABO
jedhamanii mana hiidhaa jiraniif biyya keessatti nami iyyatuuf,
barattoota Oromoo eenyumaa Oromoof yunivarsiitii hundaa keessatti
fincilaa jiraniif, kan akka dhaabbatti Oromoof iyyatuuf hin turre.
Obbo Bulchaa Dammaqsaa dabalatee jaarsoolii duraan siyaassa keessa
hin seennu jeedhanii turan rakkoo kana erga hubatanii booda dulluma
keessa humna isaanii fi qabeenya isaanii hundaa utuu wal irra hin
kutin falmii mirgaa irratti gummaachaa jiru. WFDOn Qabsoo egalee
ja’aa lama keessati yaaka Mootuummaa TPLF ummataa fi hawassa
adunyati biiratti saxiludhan wayyaneeti yaadoo ta’ee, Paarlamaa
keessati mirga saba keenyaf falmachuu fi mootumma morormuunkana
ummani keenya mootummaa diiduu fi
irratti finciluu akka danda’uu barsifne jira. Guyya gaafa ijaramee
kassee waregama lubu bayee bassa jira. WFDOn akka dhaabbile biirroo
Degersa Di’aspora biyya ala irra dhabun isaa humna fi degerssa
ummataa gutuu qabu akka itti hin
fayadamne goodhe jira. Dhaabbillee
ala jiran immoo fuulaa tokkoon qabeenya xiqqoo jirtu itti
gargaaramee humna jiru qabsoo irra akka oolfatutu barbaadama. Qabsoo
bilisummaaf godhamuu keessatti dhaabbillee adda addaa jirachuun
bu’aa isaa irra balaa isaatu heddumata. Qabsoo bilisummaa biyyootni
gaggeessan Palastiin, Afganstan, Zmbabuwe, Angola, Somalee kkf akka
ragaati dhiheesuun ni danda’ama. Tokkumaa Oromoo fi bilisummaan
Oromoo kan hin hafnee ta’uu isaa qabsa’oon uni tokko jeedhan qabsoo
irratti wareegaman seena tokkumaa Oromoo Diggan iaanin barreesan
darban dhaaloon hara’aa harkan haquu yaala jiran. Ani waanan
dubachuu fedhu waan gochuu qabnu irratti. Biyya tokko keessaatti
dhaabbilleen siyaasaa yaada addaa addaa qabaatan jiraachuun
diimokraasii dagaagsuuf, dorgommi babal’isuu fi hojii saffisiisuuf
barbaachisaa dha. Qabsoo bilisummaa keesatti garuu humna namaa fi
qabeenya muraasa jirtu tamsaasuu irra iyyuu
gufuu walitti ta’uu fi iccitii
baasuun diinaaf wal saaxiluu kkf balaa hedduu qaba. Biyya
Itiyoopiyaa keessatti filannoo bara 2005 irratti WFDO, KUO, OPDOn fi
Oromoon dhunfaan dorgoman akka dhaabbilee Oromootti sagalee Oromoo
gargar qoodanii bakka mursati kan injifataan horma turan. Fakkenyaaf
Bushooftuu keessatti WFDO, KUO, OPDO fi Oromota dhuunfaa 9 ta’an fi
Qinijjitit. Waligalatti namooti 13 dhihaatanii Oromoo harki 90
guddaan ol Oromoo filatee garuu sagaleen bakka 12 qoqqoodamaa waan
tureef Oromooti dorgoman injifachuu hin dandeenye. Dhaabotiin Oromoo
kana irraa barumsa argatanii hanga bilisummaa Oromoo dhugoomutti
humna isaanii tokko taasisuun dirqama. Warri dhuguma bilisummaa
Oromoo barbaadan tarree tokko irra dhaabbachuun barbaachisaa dha.
Uummati kenyas kana barbaada. Dhaabbilee Oromoo lama biyya keessaa
haal duree tokko malee akka isaan wal ta’an kan dirqisise uummata.
Kanaafuu dhabbileen Mirga hiree of ofiin murteefachuu, feedhii
Oromoo a’uu qaban.
hunda fi dantaa uummatichaa irratti
wal tDhaabbileen Oromoo Dadhaabina qaban siirfachu qabu insi, Humna
ta’uu dadhabuu, Miseensa namusa fi hubanoo qabu horachuu fi
to’aachuu dhabu, of gamagamu dhaabbu, seera dhablumaa fi namusaa
dhabuun babalachuu, ecitiin egamu dhaabuun, hawwasaa ofi duka
hirirsu dadhabuu, media isaan to’aachu dhabuu, hawwasaa akka qoodamu
kara banu, rakko dhunfaa dhaabban wali qabsisu‐ rakko dhaabba
hawwasan waliti hidhu, kana darbee rakkon kun hanga ini biyya galuti
caalisan ilaaluu. Uummataa abbaa qabsoo ijoolee gootaa dhaalchee
qabsooti irra wareegee wal dura dhaabuun dhaabba ni baleessa malee
hin cimmisuu. Goochaan kun atataman siirachuu qaba. Dhaabbillee
yaada ummataa kana hin fudhane, tokkummaa saba keenya tiksun qabsoo
ilisummaa irrati kan hin xiyyefanee lammi Oromoo hundan balalefatamu
qabu.
b
3. Rakko Diaspora (Hawwassa biyya
ala) Keessaa jiru.
Hawaasaa ykn Diasporan biyya nagaa fi biyya demokraataawwa keessa
jiratu Uummataa keessa ba’ee kan nagaa fi mirga dhaabee garbuma
jalati jiratuu sana harka qabee rakkoo keessa basun dirqama
lammummaati jeena. Garuu haali mullacha jiru kara hunda faalaa ta’ee
jira. Waan hunda caalaa dursa kan argachuu qabu rakkoo Uummataa
Oromoo fi Ormiyya walgalati. Miseensoon dhaabba kami iyuu waan hunda
duraa rakkoo Uummataa isaanf dursa keenu qabu. Itti ansee
dhimmaa dhaabba isaa isaan itti
dabaluun dhimmaa Oogana ykn Miseensoota isaani irratti hojeechuu
qabu. Sababi isaa Ogaani ni jijirama, dhaabbilee sadarka tokko
irratti baduu ni mala, kan hin jijiramnee fi kan itti fufu lammii
Oromootti inni iyuu tanan yoo xiyyeefannoo keenuuf banee balaa
guddan mudaachuu mala. Kanaaf Diasporan ala jiru waan hunda caalaa
Uummata irra dhaalatee biyya jiruu fi tokkummaa Oromoof dursa keenuu
dhaabbilee Oromoo ilee tokkummaa isaan cimmsani bilisummaa Uummataa
isaanf akka qabsa’aan dhibba gochuu qaba. Diasporan Oromoo rakkoo
Uummataa isaa utuu beeku rakkoo xixiqoo dhaabbilee keessa jirtu
afarsuun lammi isaa biyya keessa diinan du’aa jiru irratti
falimachuu irra of qusachuun seena birratti akka nu gaafachisu beeku
qaba. Lammin Birroo hagami akka isaan dhaabbilee isaan biyya keessa
fi biyya ala irrati qabsa’aa jiranf tumsa, deggersa fi kabaja isaan
wali qaban ijaan arga jira. Oromoo ilee of jalaa hirirsuf waan hunda
goocha jira. Hawaassi ala jiru dhaabbile hidhanoon lola jiran akka
deeggersi guddan barbaachisu beekee, dhaabbile biyya keessa kan kara
nagaa qabsa’an ilee deggerssa isaan barbaachisu hunda goochuun
dirqama. Biyya keessatis ta’ee boosoonatti qabsoon godhamuu
deeggersa diaspora barbaachisa. Lammin Oromoo ala jiruu 200,000
socho’ee qabsoo bilisummaa yoo waan hunda deggeree bilisummaan
keenya hin faagatuu. Deeggersa tokko ilee utuu hin godhin yoo
namoota mursa irra bilisummaa egna tatee bilisummaan hawwii qoofa
ta’uu malti. Diina irrati akka hiirira hin banee qaami nu dhorkuu
yoo jiratee ergama diina qoofa. Qabsa’oota Oromoo kalleessa laga fi
amantan utuu wal hin qoodiin wal birra dhabbatan, wal dukka
beela’aan, waliin diina dura dhaabatani Oromuummaa isaaniif
wareegaman kayyoo isaan bakkan ga’uun nu irra egama.
4. Fedhi, gaaffi fi dhammsi uummata
Oromoo keessaa Uummatni
Oromoo erga garbofamee kaasee qabsoo irraa of qusatee hin beeku.
Addunyaa kana irratti lammiin akka Oromoo bilisummaa isaaf hanga
danda’ee qabsa’aa jira. Carraa isaa ta’ee baroota qabsoo bilisummaa
geggeese hundaa keessa diinni isaa gargaarsa meeshaa fi tumsa biyya
alaa yammuu argatan Oromoon argachuuf hin milkoofne malee loluu
dhadhabee ykn sodaatee miti. Uummati Oromoo uummta goota. ABO illee
rakkootu quunnamaa jira, yoo haqaan ilaallee rakkoo uummata Oromoo
waggoota dheeraaf mudatant isas mudachaa jira malee loltuun Oromoo
ykn qabsa’ootni Oromoo qabsoo laaffisanii miti. Lola ABOn geggese
keessatti warri lubbuun jiran dubbachuu danda’u, Oromoon sodaa tokko
malee wareegama hedduu akka kafale shakkii tokko malee dubachuu
dandeenya. Qabsoon kun waggoota dheeraaf itti fufee kan jiru illee
qabsoo haqaa fiin uu
fi wareegama qaqqaalii waan baaseef,
fedhii fi gaafmmata Oromoo waan hin deebi’in jiruuf. Fedhi fi
gaaffin uummata Oromoo gabaabaa fi ifaa dha, Bilisummaa fi Abba
Biyyumaa isaa mirkaneesuu qofa. Ofiin of bulchuu barbaada. Sababi
isaa immo mootumoota Itiyoophiyaa dhufaa darba itti wal jijjiiran
waan garboofatanf. Mirga isaa irra ejjetan, Qabeenya isaa saaman.
Abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa keenya kan taanu, mirgi keenya
eegamuu kan danda’u, afaanii fi aadaan keenya kan kabajamu yoo
bilisoomnee ofiin of bulchuu dandeenye qofa dha. Kana
mirkaneefachuuf immoo qabsoo ABO waggaa dheeraaf geggeessaa jira.
Kaayyoon Adda bilisummaa Oromoo utuu gaaffii taayitaa ta’ee gaafa
mootuummaan Dargii kufee mootumaa keessaa qooda fudhate taayitaa
qooddatee sirna jiru keessatti hojjeta ture. Ykn immoo deggersa
uummataa dhabee akkuma dhaabbilee biroo dhabama ture. Uummati kun
dhaaba kana irraa utuu abdii hin kutatin kan duukaa cichee jiruuf
kaayyoo haqaa waan inni hordofuu fi gaafiin uummata Oromoo deebii
argachuu dhabuu irraa ti. Dhaabbilee Oromoo Bilisummaa Oromoo hin
deggere
kam iyyuu umuriin isaanii gabaabaa
fi deggersa Uummataa kan hin qabne ta’uu isaanii mirka’a
qabatamaannaaee jir. Uummatni Oromoo
abba biyyaa akka ta’uuf Dhaabbilee Oromoo fi qabsa’oota Oromoo
gumaachuun murteessaadha. Sababi isaa waan jaallannuuf ykn jibbinuuf
utuu hin taane Oromoon ijjoollee isaa kan itti dhabee fi Qabsoo kana
jiraachisuuf waan hundaan waan itti dhadhabeef. Qabsoo kana asiin
ga’uuf fi addunyaatti beeksisuuf wareegama qaqqaalii hedduutu itti
bahe. Kanaaf Qabsoon lubun heedun itti waregamee kana bakka ga’uun
dirqama. Keesumati Madda qabsa’oota Oromoo hunda kan ta’ee ABO
dhabota siyaasaa biro irraa adda kan godhu nam‐tokkeen ykn namooti
muraasi qofti dhunfatanii akka barbaadanitti oofuu kan hin
danda’amne ta’uu isaa ti. Eenyuumaa keenyaa iyyuu kan nu barsise ABO
ta’uu haaluu hin dandeenyu. ABO fi dhaabbilee Oromoo walaba mirgaa
fi haqa saba isaaniif dhaabbatan wajjin marii gochuun, tokkummaan
hojjatanii tokkummaa sabaa keenyaa eeguun gaafatama seenaa fi
dirqama hamileetu irra jira. Tokkummaan hojjechuuf akka walii galus
abdii guddaa qabna. Kanatu mootummaa Oromiyyaa ijaaruu nu dandeesisa.
Qabsoon Oromoo Kaayyoo bala’aa fi Ummataa bala’aa irratti kan
ijaarame waan ta’eef Oromoo hundi abdi utuu hin kutatin waggoota 40
qabsoo itti fufe jira. Biyya Oromoo fi Mootuummaa Oromiyya ijaru ala
furmata birra hin jiree isiinti
dhamatu. ummataa kana Diasporan,
Hayyuun, walistoon, abbotii qabeenya Oromoo hundaan nu
qaqaba nu diirmadha jecha jiru. Dhaabbilee Oromoo ergaa Wayyaanee of
duubaa hin qabne tokkummaan qabsoo geggessuu qabu, garuu farreen
tokkummaa, loote seentota(infiltraters) wayyanee irraa of eeggachuu
barbaachisa. Oromoon yeroo ammaa kana waan inni qabuu fi itti obsu
tokkummaa isaa waan ta’eef dhaabbilee Oromoo tokkummaa uummatichaa
eguun hunda irra murteesaa ta’uu isiin dhamatu. Diinni Oromoo qoodee
biituuf karooraan waan hojjetuuf akka utuu hin beekin diinaaf karaa
hin banne of eegannoo guddaa gochuun barbaachisaa dha. Fedhiin
uummataa bilisummaa ta’uu isaa erga amannee bilisummaa dura wal
qooduun bilisummaa barbaadamu hanqisuu akka danda’u hubachuun nama
hin dhibu. Kanaa ala diina dhiisanii wal dura dhaabbachuun ajeechaa,
reebicha fi samiicha fi wareeegama guumaa hin qabne baasuun
Oromootti yeroo dararaa dheeresuu ta’uu
isaa dhamatuu. Humnaa fi qabeenya Oromoo diinni itti faayyadamaa
jiru dantaa Oromoo fi bilisummaa keenyaaf itti fayyadamuu qabna.
Amantaan mana Waqqaatti lubbuu keenyaa fayyisuuf lafa irratti illee
lubbuu keenya salphattee rakkachaa jirtuuf nu qaqabuu qaba. Oromoon
Musiliama, Kiristaana, Waqeeffataa hundi Oromummaa isaatti qixxee
ajeefamaa jira. Kanaafuu amantaa fi lagan utuu wal hin qoodin wal
bira dhaabbatee tokkumman bilisummaa uummata isaaf lolachuu qaba.
Uummani bilisummaa hin qabne amantin isaa akka hin kabajamne kan
waaqeeffatan yammuu bakka itti waaqeeffatan humnan irraa ari’amanii
fi dhorkaman agarree mirkaneeffannee jirra. Walumagalati Oromoo
biyya keessa kan barbaduu Tokkumma Oromoo, Bilisummaa Oromoo,
Tokkummaa dhaabbilee siyyassa Oromoo hirmana lammi Oromoo hundan
Abba Biyumma isaa deefachudha.
5.
Maal gochuu akka qabnu fi yaada furmaataa
Bilisummaa ni barbana? Tokkummaa Oromoo cimmisu ni barbana? Erga
kana ta’ee dhaabbileen Oromoo tokkummaa Uummaani Mootummaa Oromiyya
ijaaruf rakkoon guddan hin jiru. Rakkoo kanaa olitti dubbane seenaaf
ol kaa’uuf utuu hin taanee maal goonu jennee furmaata akka itti
barbanuuf. Waan as dhufneefis fedhii uummata keenyaa ija itti
gochuuf yaada wal jijiruu erga ta’ee hunda keenya wal irrati utuu
hin tanee diina irrati qabsa’uuf hamurteefanuu. Rakkoo odeessuu qofa
utuu hin taane gara hojiitti haa deemnu jennee wali gallaa taanaan
fulaa hundaa humna Uummachuu, dirree lolaan, dirree siyaasaan,
ijaarsaa fi hawaasaa hiriirsuun, quunnamtin, diplomaasii fi
jaarmiyota mirga dhala namaaf falman ijaaruun, madda dinagdee
uummachuu fi karaa hawaasummaanis, kara hunda socho’uu qabna.
Walumaagalatti tokkummaa dhaabbilee Oromoo fi fedhi Uummataa Oromoo
hunda kan ta’ee Mootummaa Oromiyaa hundeesuf jaarmiyaa fi dirree nu
hojjechisuu danda’uu ijaaruun amma. Kun waan yeroon itti kennamu
miti. Har’aa ykn bori ganama Oromiyyan yoo bilisoomtee Tarsiimo fi
saganta kami irratti hojjena?. Kun dirqamaa Hayyuu Oromooti malee,
Qabsa’aa dirree irraa jiru ykn Uummata siirna garbuma jala ture kana
irra egun siir miti. Hundi keessan akka na hubaachaa jirtan abdiin
qaba. Waan hin olle har’a itti yaaduun barbaachisaadha, hawaas
Aaddunyaas taanan adeemsa keenyaaf qophi keenya ilaalee nu bira
dhaabbata.Yoo nuti waan bu’aa fi hiika qabu hojjetaa hin jiru ta’e,
ofii keenyaan dhimma keenya geggeeffachuu fi ofiin of bulchuuf
dandeettii hin qabnu ta’e garuu waan nu bira dhaabbatuuf jiran natti
hin fakkaatu. Buddeen nama quubsu Eelee irraatti beeku jedha mitii
ree Oromoon. Biyya Oromoo fi mootummaa Oromiyaa ijaarra eenaa jennu
mootummaa akkamii ijaaruuf demna. Sirna mootummaa akkamiitu seenaa,
aadaa fi egeree Oromoof tolaa dha jennee bilchinaan yoo irraatti hin
mari’atin, akkuma mootummoota Itiyoophiyaa heerota mootummoota biroo
akka jirutti garagalchinee ittiin deemna yoo jenne dhibdee akka
qabaatu asuma irraa beekuun gaarii dha. Mootummaan Oromiyaa
ijaaramuu qaba jennee dubbannu mootummaa walaba ta’ee fi sirna
dimokrasii irratti hundaa’e akka ta’u wal nu hin falamisiisu. Haa
ta’u malee sirna dimokraasii amayya fi sirna ittiin bulmaataa Oromoo
(sirna Gadaa) akkamiin wl simsiisuu
dandeenya isaa jedhu irratti hayuun Oromoo balinan irrati hojeechuu
qabu. Uummati Oromoo bilisummaa barbaada kanaaf wayyaanee dura
dhaabbatee wareegama kafalaa jira erga jennee fedhiin Oromoo
bilisummaa ta’uu irratti walii gallee xumuraachuu qabna. Kana hunda
gochuuf qabsoo wal irra hin cinee goone bilisumma keenya dhugomsudha.
Kana booda akkuman bara 2006 TV Eritrea irrati dubadhe Oromiyyan
akka biyyati Oolaa ishee kan barbadee waliin Federeshin ykn
Konfederation Uummatootaa Gaanfa Afrika waliin hundeefachu ni
dandesi jeedheen ture. Onga’oon Wayyaneen fi Eritrea immo kanuma
xiinoo jaalisan isaan jalati federeshnin akka buulu nu barsiisu
yalaa jiru. Namoon Oromoo fi Oromiyya maliif akka barbaadan t
waan beeknuuf, nama nu waliin jirachuu feedhu dura mirga keenya
kabaju qabida itin jenna. Kanuma waliin mootummaan Oromiyaa
ijaaramuu qaba ennaa jennu yaadi Mootummaan Oromiyaa ijaaramee jira
jedhu (OPDOn) Uummtaa sobu yaalaa jira. Kanaaf mootummaan maqaa
Oromoon Oromiyaan bulchaa jira jedhu mootummaa kittallayyoo
wayyaanee ta’uu isaa iffati ibsuun barbaachisaa dha. Mootummaan suni
ofiifuu mootummaa bilisa akka hin ta’in kan koloneeffataan achi
kaawwate collaborator/kittillayyoo/ ta’uu isaa ragaan saba Oromoo
caalee hin jiru. Mootummaa Oromiyya ijaarun nu hin barbaachisuu wari
jeedhan yoo jiratan immo waara qabsoo hin egalin ykn waara qabsoo
gurguratee qoofaa. Malee Uummani Oromoo Bilisummaa fi Mootummaa
Oromiyya feedha.
Qabsoo kana furgaasuuf furmaati biraa dhaabbilee Oromoo tokko ta’uu
qabu. Dhaabbileen Oromoo biyya keessaa wal ta’uun Uummata biyya
keessaa gammachisee jira, kan biyya alaas wal ta’uu wan isaan dhorku
hin jiru. Dhaabbilee siyaasaa kaayyoo adda addaa qaban silas tokko
ta’uun hin salphatu. Kanneen kaayyoon isaanii wal fakkaatuu fi
walitti dhihoo sababa isaan adda addaa deemaniif hin jiru. Fedhii
murnaa fi ilaalcha siyaasaa xixiqqaan addaan qoodamuun kaayyoo
bilisummaa isaa guddichaaf bakka kennuu dhabuu irraa adda miti.
Lubbuun Oromoo rasaasa wayyaanneen, wal dhabbii Uummtooa naannoon,
xurii warshaa fi abaaboon dhumaa jiru, barattoota barumsa irraa
ittifamaa jiran, ajeefamuu, ari’amuu, Oromummaa isaatiin yakkanii
hojii dhorkachuu fi hojii irra ari’uu kun dhaabbachuu qaba. Rakkoon
nutti heddumatu illee fedhii bilisummaa Uummatni keenya qabu guutuuf
falmachuun dirqama. Biyyi keenya tokkoo, hireen keenya tokkoo,
diinni keenya tokkoo waan ta’eef waan walii galuu nu dhorku hin jiru.
Teenyee qabsaa’oota komachuu dhiifnee, lammii irratti wal irratti
duuluu dhiifnee diina irratti duuluu Eegaluu qabna. Wal irratti
barreessuu dhiifnee diina irratti barreesuu, lammii irrattii ololuu
dhiifnee diina irrattii ololuu, wal irratti guufuu ta’uu dhiifnee i
diinatti guufuu haa taanu. Wal iyyaachuu dhiifnee waliif drmaachuu
murteefachuu qabna. Kana gochuuf immoo furmaati maali ? Oromoo karaa
hundaa fi dandeettii isaa hundaan wal gurmeessee waan tokko
hojjechuu qaba. Bilisummaa fi biyya Oromoo ni barbaanna erga ta’ee
humna tanee bilisummaaf lolu qabna. Warri waraanaa of duuba yaadu
dhiisee gara fulaa duraatti akka bobba’uuf fi of duuba millaachuu,
yaada’uu dhiisee murannoon fi abdiin lolaaf bobba’uu qaba. OSAn
Giddugaleessa beektoota fi Hayuulle Oromoo hundati Jarmiyyan kun
Oromoon rakko inni keessa jiru kana keessa basuuf humna isaa hundan
tokkummaa fi bilisummaa isaa akka mirkana’uu hojeechuu qaba. OSG,
ORA kkf irraas Oromoon abdii guddaa qaba, dhaabbileen mirga
dhala namaaf falman biyya alaa fi biyya keessatti Oromoof falmachuu
qabu. Eegaa maaliif akka qabsoofnuu fi bilisomnee maal akka hojennu
dursinee beekuu fi bu’uura kawachuun barbaachisaa qofa utuu hin
taane dirqama. Addunyaan rakkoo Uummataa keenyaa kana hubannoo ga’aa
hin qabu. Seenaa keenya sirna Habaasha jalatti awwalamee waan tureef
seenaa keenya dukkana keessaa ifatti baasuun yakka nu irratti
dalagame kana saaxiluu fi of ijaaruu qabna. Innis yeroon isaa amma.
Humna taanee yoo ol baane malee bakka amma jirru kanatti ormi dhimma
keenya hordofuuf waan rakkatu miti. Waraanaan, Siyaasaa, qabeenya
hundaa horachuun, humna namaa fi qabeenya Oromiyaa hundaa
fayyadamuun bilisummaa barbaannu argachuu qabna. Fedhii fi hawwii
qofa utuu hin taane yammuu hojiin argsiifnu addunyaan ofuma isaatii
nu gaafachuu egala. Kun ta’uu baannaan utuu miidhamuu keenya arganii
cal’isu. Kanaaf furmati isaa kan nu ajeesaa nu samaa jiru of irra
kaafnee angoo politikaa harka
keenya galfachuu dha. Walga’iin Oromoo bakka itti wal morminee addan
baanu utuu hin tane bakka itti rakkoo Uummata keenyaa hubannee wal
hubachiifnee, yaada furmaataa qabatamaa irratti mari’annee murtee
dabarsiinee kaanu ta’uu qaba. Dhaabbilee, koreelee fi jaarmiyoti
Miti‐Mootumma Oromoo adda
addaa yaada murtee kana akka hojii qabatamaatti hiikan karaa itti
argsisutuu nu irraa eegama. Dhaabotiin Oromoo gara garaa hojii
qabatamaatti akka seenan fi warri miidiyaan wal irratti ololan akka
dhaaban nuti illee olola dhaabbillee Oromoo diiguuf adeemsifamu dura
dhabbachuuf qophii ta’uu keenya waadaa waliif haa galu. Yeroo
Wayyaanneen Oromuumaa cabsaa jirtu kana keessatti
ilmaan Oromoo immoo tokkummaa Oromoo tiksuuf dhaabbilee Oromoo wal
dura dhabbatan walitti fiduudhaan seeraa fi heera Oromiyaa
qopheesuudhaan fedhii Uummataa Oromoo irratti
kan
hundaa’e mootummaa Oromiyaa gadi dhabbuuf bu’uura kaa’uun dirqama.
Oromoon nama taa’ee namaa qequu fi komatuu utuu hin tanee ilmaa
qabsa’ee waregma basee bilisomsuu barbada. Jarsaa hanga ijoleetti,
Proffesara hanga walalatti Oromoon bilisumaaf haabobanu, Ogani
Qabsoo cimman diree qabsoo irra argama malee Magaala Adunya keessa
miti. Kanafuu diree qabsootti haasosonu, Oromiyya haa ijaruu. Kanaaf
imoo tokkummaa fi wal amantaa cimmaa marii fi wal galtee irrati
hunda’een har’aa Hayuuleen samuu Oromooti jedhamnuu
miseensoon OSA waan Oromoo dandamachisuu danda’uu tokko murteefane
deemuu qabna. Dhaabbileen siyyassa Oromoo, Hayuuleen Oromoo fi bakka
bu’oon haawwasa Oromoo Rakko biyya Oromiyya jiru fi haala Oromoo
keessa jiru xiyyefannoo keessa galchuun haala dure tokko
malee murtee atataman murteefachuu qaba, 1. Dhaabbilee siyyaassa
Oromoo, hayuuleen Oromoo fi bakka bu’oon Oromoo argaman Tokkummaa
tiksuu fi Bilisummaa Oromoo bakkan ga’uuf, Oromiyya Bilisoomtee
ijaaruuf wal galuu qabn
a.
2. Dhaabbilee Siyyaasaa Oromoo fi maqaa Oromoon kan ijaaramee qami
kami iyuu Olola biffa kami iyuu wal irrati akka hin deemsifne wal
galuun, media qabsoo Oromoo, Dhaabbilee Oromoo fi qabsa’oota Oromoo
irrati olola adeemsisu waliin akka hin dhaabanee fi wal tanee dura
dhabachuuf wal g
aluu qabna. 3. Dhaabbilee Oromoo Tokkummaa Uummata keenya tiksun
Oromiyya Bilisoomtee ijaaru wal galee dhaabbilee hunda mariiachifnee
atataman wal galtee Ol’anaa goochuu fedha keenya fi
qoophi ta’uu wali galuu qabna. 4. Mootummaa Oromiyyaa Ijaaruuf
feedhi Uummataa Oromoo ta’uu hubanee dhaabbile Oromoo feedh
i
fi hawwii saba keenya bakkan ga’uuf diina irrati akka hojeetan
jajabeesu qabna. 5. Dhaabbi maqaa Oromoon deemu kami iyuu qabsoo
dhaabbile Oromooti guufu ta’uu fi olola kami iyuu irrati demsisu
badi ta’uu hubatee, qabsoo fi olola diina Oromoo qoofa irrati akka
adeemsisu hubachisuu danda’uu qabna. 6. Dhaabbile biyya keessa kara
nagaa mootumma Ityoophiyya waliin waan hojeetanf hariroo yoo hin
qabanu tanee ilee lammi keenya diinan ajeefama jiru dura kan birra
ga’aan isaan waan ta’aanf haawwasi Oromoo ala fi biyya keessa jiru
tumsa fi deggersa barbaachisu akka isaan
godhu deggersa ni gona. 7. Haawasii Oromoo biyya keessa fi biyya ala
jiran hojii haawasuma fi walgargarsa tokkumman akka hojeetan, rakko
Oromoo irrati hirira ykn gargarsa gaafataman akka wal qoodumsa tokko
malee akka hirmatan ta’ee, dhaabba Oromoo miseensaa ta’aanf immoo
akkata dhaabbichaaf kakuu galani hoji dabalatan gargaruu mirga fi
dirqama dhunfa nama sana egamuu qaba.
8.
Dhaabbilee Oromoo Hariroo Oromoon biyya hoola fi Uummatoota Oromoo
waliin jirachuuf
deeman irrati imammataa ifaa ta’ee qabachuu qabu. 9. Dhaabbilee
Oromoo Tarsimoo walo tokko hanga humatanti dhimma kana hordoof
Dhaabbile siyyassa, Hayuuleen fi Hawassa Oromoo bakka hundati
hirmana isaan akka godhan gochuun
murtee tokko irra ga’uu qabna. Weerarrii fi jeequmsi Malas Zenawi
Uummata Oromoo, biyya Ityoophiyaa fi gutuumaa Gaanfaa Afrika irratti
deemsisa jiru kun xumura kan argatuu Uummani Oromoo biyya
Ityoophiyaa keessati abba biyya ta’ee nageenyaa amansisa fi tasgabbi
yoo gadi dhaabbe qofaa. Uumman Gaanfa Afrika keessatti heedumnan
beekamuu kun rakko isaa dhoksinee rakko biraf furmaata barbaduun of
gowoomsudha. Ilmaan Tigraay immo humna waraanaa isaan Meeshaa amayaa
fi nama isaani qoofaa ijaaran lammi keenya fixuuf qoophi xumuratan
jiru. Amaa ilee namoon hedduun gaafi Oromoo ukamsaan
diimokraasiidhan rakkon Ityoophiyaa furmaata argata jechuun guyyaa
safaa nu sobu yaalu. Eritrean ilee rakko keessaa dabaretee utuu
beektuu rakkoon Oromoo biyya Ityoophiyya keessatti hikamuu qaba gara
jeedhuutti deema jirti. Guyyaa hara’a kan kana kaafneef weerara
wayyanee balla Oromoo irratti godhamuf deemu kana of irra qoolachuu
tokkon tokkon Oromoo waregama lubu dabalatee lammii isaa irratti
gumachuuf akka of qoopheesun isin gaafachuu feedha. Rakkon keenyaa
unumaa inis tokkummaa dhabuu, wal caabsuu keenyaa. Wayyaaneen kan
sodatu tokkumma keenyaa malee qawee miti. Kanaaf immo haruma
dhaabbilee Oromoo tokko ta’uu keenyaa yoo labsane waayyaanee akka
moonu shaakii tokko hin qabu. Diimokraasiin Ityoophiyaa Oromof
furmaata hin ta’uu jene Wareegama hunda kafalee Uummata keenyaa
Bilisoomsuun Mootummaa Oromiyya ijaruu qoofa.
ahina.
6.
OSAn Rakkoo Uummtaa Oromoo Kana Hiikkun Oromoo Salp Irra Olchuu Qaba
Uummati Oromoo OSA atamti ilaala? Oromoon hara’aa yamuu bakka bu’aa
dhabbee harka Uummataa murasa keessa jiru kanati ani qaba kan jeedhu
keessa OSAn isaa tokko. Dhaabbilee Oromoo waan isaan hojjechuu malan
ilee kan barreesuf, wara Paarlamaa jiranf ilee seera Oromoof
faayaduu kan qooratee qopheesuf OSA dha jedhen amana Uummani Oromoo.
Gummin Paarlamaa Oromoo ilee OSAn furtuu rakko Oromootti jedha.
Diinii ilee OSAn waan Oromoof malu hunda keessati Oromo Stratgisti
Group jedhani amanu. OSAn hoo mali irra jira? Wal‐dhabbdeen
dhaabbilee Oromoo facaasaa jiru kun isin hayuu kana birrati ilee
caalaqisee siyaasaa isiin sodaachisee Siyaasaa fi Koreenti fagooti
jeetani mana cufatani moo? Oromoo salphina keessa basuuf caaraqaa
jirtu?. Kan biyyaati adeema jiru isin ibsuu yaalen jira. Yamuu
biyyaat kun hundii nama keenyaara gaa jiru asiti Diasporat amoo mal
hojetaa jira? OSAnis maal hojeechuuf karoorfatee ture? Maal
hojechuufis qopha'ee jira?, OSAns immo dhaabba siyaasaa miti garuu
siyaasaa ala immo miti. Siyaasaan ala yoomi iyuu ta’uu hindanda’uu.
Keessatu immo maqaa kana qabatee, Oromoo Uummataa biyya isaa fi
mirga isaa molqamee qabsa’aa jiru irra kana dhaalatee jarmiyan OSA
ani siyaasii Oromoo yoo na hin ilaalu jedhe dogogora. Wal dhaabdee
dhaabbilee siyaasaa Oromoo siireesu danda’uu qaba. Wal dhabdee
qooratee rakko hiikuun (Conflict resolution) hojii Ogeesootaf fi
dirqama namoota beekumsa amayyaa qabaniti.
Saayinsin Conflict hin qoorane, mirga fi haqa Uummataaf hin falmanee
addunya irra hin jiru. Beekumsi fi hojjin qoorannoo hayyuu Oromoo
yeroo kami iyuu caalaa hara’aa nu barbaachisaa. Gababatti OSAn
Uummata isaaf waan hojjechuu qaba jeene yaanuu:‐
1. Dhaabbilee Oromoo waggoota sagal (9) wal hirani diina dhisan wal
irrati dula jiru. Bara darbee kassee amoo gara hawaasaatti ilee
ce’ee nu facaasaa yamuu jiru kana furmaata
alinan mai'atame hikkamuf hojii kana fudhatee akka itti fufu
gaafadha. 2. Oromoon maal barbaada? Akkuman gararaati caaqaasu yaale
Oromoo bilisummaa qoofaa akka barbaadu isinif mirkaneesun barbaada.
Gaafiin nu fulldura jirus akkamiti bilisummaa
bareesuu qaba. 3. Waan qoorannu
hundi kan hojii irra oluu yoo Eenyumman Oromoo jiratee fi biyya
Oromoo yoo ijaramee qofaa. Kun ta’uu banan ija qooranno keenya bakka
itti hojii irra olchinu hin qabnu. Ga’een hayyuu Oromoo OSA jalatti
gurma’aan irraa Eegamu hedduu dha. Ogeesotnii fi Hayyuun Oromoo
hundi waan baraten wal gurmeesee Tarsiimoo (manefesto) Oromiyaa
qopheesee dhiyeesuu qaba. Kun amma iyyuu wixinnen (framework) isaa
lafa jira. Oromiyaan biyya akkamii ijara? Seeraa fi Heera attamiin
haa bultu?; Paarlaamma akkamii haa qabattu? Sirna dinagdee/imaammata
dinagdee/ akkamii haa qabattu? Saba fi sablami Oromoo waliin
jirachuu malan irratti imammataa Oromiyya ifaa ta’ee lafaa qabachuu
kan jedhu fi kkf: lafa qabaachuu qabna. Maqa Gummii Paarlaamaa
Oromoo wixinne Tarsimoo Oromiyya barreefama fulla 200_300 ta’uu
qopha’ee jira. Wixinne kan Ogeesi Oromoo hundi ogumma isaan jechun
Ogeesi Seera, Barnootaa, Fayyaa, Qoonaa, Dinagidee, Hoora,
Hawwasummaa, Seena, Aadda, Waraana, Bulchinsaa, Kunnunsa naannoo fi
kkf OSA jalatti damee dameen gurma’ee dandeetti isaa
muxannoo biyya hunda irra waliti
fidee akka Oromiyyaf ta’uuti qoophefachuun amma. Walumagalat Gumiin
Paarlaamaa Oromoo Imanaa inni OSAti keenu, OSA fi dhaabbilee Oromoo
hunda waliin hojjeechuun, Tokkummaa Oromoo tiksuun wal dukka hirirsu,
Dhaabbilee Oromoo walti fiduun diina irratti akka xiyyeefatan gochuu,
Tarsimoo Bilisummaa Oromoo bakkan ga’uu danda’uu qoopheefachuu,
Manafeestoo Oromiyyan bilisoomtee itti hojjeetuu qoopheefachuun
Motuummaa Oromiyaa ijaaruun dhimmota bodeeti hafan yoo ta’ee ilee
bor utuu hin tanee har’aa murteefanee hojii irra olchuu qabna.
Oromoon hara’aa dhaabba cimma fi tokkummaa Oromoo tikisuu ni
danda’aa jeedhu keessaa OSAn isaa hangaafa. OSAn Oromoo beektotaa
gosa hunda of keessati amatee waan jiruuf rakko Oromoo hunda furuuf
dandeeti waan qabuuf rakko kana keessa
akka nu basuu dhamacha beektoon
Oromoo hund ilee akka OSA cimnaa dhabatan ni gaafaadha. Hayyuun
Oromoo kanneen qaanqee qabsoo bilisummaa qabsiisanii fi qabsoo
bilisummaa Oromoof warri wareegama baasan, akkasumas nutis of barree
akka mirga keenyaaf falmannu warri nu taasisan hundi maqaa Uummata
Oromoon galatni keessan bilisummaa haa ta’uun jedha.
Injjifaannoon Uummataa Oromootiif
Getachew
Jigi Demekssa
http://www.oromostudies.org/OSA%20Newsletter%20Nov%202009.pdf
August 1-3/2009
|
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |