|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
New
Page 2 home
Garaa offi jeecha kayyoo ummataa keenya ganuuni salphina. Garan hara quufe nyatee ilee boor beela’uun isaa hin oluu. Feedhi dhunfa jeecha ykn Angoo jeecha kayyoo waliin mana ba’aanif diinati gurgurun salphina nama irrati fidhuu, akka nama saxilee nama tufachisuu Ministera nageenya Dargii Tasfaye Waldasilasee irra barachuun ni danda’ama. Diini ilee yerro nu sosobuu, ykn nu bituu dafnee harka itti lachuu keenyaf nu tufata, sadarka keenya gadii busaa. Erga dhimma nutii ba’ee booda akka agada nu xuxee nu tufa. Fakkenya kan isiin ta’uu haala duree tokko malee meesha Oromoon bitee guurran kan harkadiinat latan Abdata Bakre, fi Lichoo Bukura haaraa gaabbii isaan keessa jiran utuu beektan lamafa diina waliin hin dubatan. Fakenya of eggannoof nu ta’uu gababduu kana kan kaafneef sababa tokko maleed miti. Yerro si’ana Oduun biyya alatii irra nu ga’uu waan nama gadisisuu qoofa dha. Tv, Redio, Website fi Facebook banu hunda irrati dhaabi maqa Oromoo himatuu fi namoon dhunfaa tokko tokko maqa Oromootiin ibsaa isaan keenan ummataa biyya keessa jiruti gadda gudda humuu isaa isiin ibsuu barbaneeti. Akka waan ummanii Oromoo milyoona 40 ol Keesha isaan keessa jiruti namoon ABO jijirama jeedhan diina Oromoo waliin shubisani ibsi isaan keena jiran Oromoo biyya jiru kan hin ilalanee tuu ilee, garuu nama ani Oromoo ofiin jeedhu hunda kan salfachisee ta’uu isaa jala muree isiintii himuu feena. Qabsoon waan qancaareef jijirama feena, ji’aa ja’aa keessati Oromiyya bilisoomsiina, malaqa qoofa nu keena jeechuun redio fi Paltakiin guraa nama duchaa waarii turan, malaqa ummataa gowomsan samatan sana fudhatan hirtan meesha qabsoo Oromoo fi qabsa’oota Oromoo umurii gutuu diiree qabsoo irraa jiran ji’aa ja’aa keesaati harka lachisuun isaan isaanf yakka lamii isaanf amoo qanidha. Waraana bilisummaa Oromoof diire qabsoo gara jabina haman qabsoo’ta 17 bakka tokkoti rasassan ficisisun qabsoo Oromoo qancaree jeedhan sun fula dura tarkanfachisuu utuu hin tanee Oromoo laga fi amantan qoodani ajjeesuun diina gamachisani lammii gadisisuun kayyoo jijirama ABO ifaa goodhee jira. Hawwassa Oromoo Kenya ti hanga Auropati, Sudan hanga USA fi Austaraliyati laga fi amantan qoodani qixeesan, sumii kana biyyati ergachuu yaalan ilee hin milikoofnee. Gartuu jijirama ABO jeedhu Malaqa Samatan erga fixaan booda TPLFf waada galanf dhisan Ginbot 7 jala galuu isaan dhageenye. Junedin Sado kan Minsootati ijaraman gartuun jijirama ABO harki tokko (Abda-Licho) akkuma wadaa galanti TPLF harka yamuu ladhatan warii hafan amoo TPLF waraqisa dhufuun kufu mala jeechuun Ginbot 7 harka ladhachuun isaan feedhi Angoo kara gababa argatani malaqa samachuuf karoorfatan sun isaan baleesa malee Ummataa Bilisummaaf waga 100 qabsa’ee gowomsuu hin danda’an. Ifaati waliiti haa himnuu yoo jeene Ummanii Oromoo Amhara jala hin buluu jeedhe waggota 60 ol qabsa’aa ture, erga siirnii nafxanya Amhara moofan sun kufee amoo ijooleen Ganda tokko Junedin Sado, Abbadula Gamada ,Warqinee Gabayoo Shifrawu Jarsoo, Dawano Kadiir, Jamal Abasoo Sisayi Nagash wali waggota 20 siirna Nafxanya Tigree jalati nu bulcha jiru, gartuun jijirama ABO amoo waan jarii kun hojeetan qooratan muxannoo Junedin Sadoo irra argatanin “Ginboti 7 Gurageen yoo bilisummaa nu keenitan qabsoo hidhanoo ni tobana, Ethiopian haadha keenya, Dr. Birhanu Nega Abba Keenya” yamuu jeedhan dhageenye. Baratoon university keessa jiran heedun yamuu kan dhaga’aan ija namati gadii ba’uu salfatan mana cisaa olan jiru keesumatii ijoole Oromo Arsi irra dhufan ol jeedhan adeemu yeela’aa turan. Waan Oromooti gaadaa dabalee tokko amoo Jarsoolni umurii isaan gutuu qabsoo keessa turan fi du’uuf wagga murasii isaan hafee waan itti rakacha turan fi jaalan isaan waregaman yaadachuun cininatan kayyoo ka’aanf bakkan ga’uu dhisani media diinati ba’aan kabaja isaan waliin kan wal hin madalee interviw ykn ‘nuzazee’ du’aa gadhee keenun nu isaani salfachisee. Ummani Oromoo waggoota 40 gutuu isaan waliin waregama heeduu Hidha, Ajjeecha, darara , samichaa fi biyya ari’amuu hojii fi daldala isaa irra dhorkamuun gadadama jiru, amalee qabsoo irra abdii hin kutanee. Sababin isaa ABOn kan qabsa’uu jijirama mootumma ykn feedhi angoof utuu hin tanee bilisumaa saba Oromoof waan ta’eef gaafiin ummata Oromoo deebi argatee malee Dima Nega’wo ykn Abbabiyaa abba Jobiri biyyati galuun ykn jijiramii ginbot 7 harka lachuun Ummataa Oromoo qabsoo isaa irra hin dhabachisu kun hunda keessanfi wara kara gababan diinati galtanf isiinti himuu qabna. Bole airportiin kara Balee caalaa hama akka isiinti ta’uu beekuu qabduu. Xumura irrati warii kayyoo ummata Oromoo dhugga itti cicitan lamii isaan hamileen akka egamuu goocha jira, xinxala garii qoopheesun baratoota Oromoo diinan kokee wal qabee mana hidhatii gurama jiru jijabeessa kani jiran Obbo Ibsa Gutama, Abdii Boruu galatoma jeena. Gummiin Paarlamaa Oromoo Dargagoon Oromoo kayyoo fi feedhi bilisumman ala diina jala akka hin hiriree fi Oromoo kana booda Habasha kami ilee amanee waliin hiriru yaaka fi ummataa Oromoo ganuu ta’uu isaa barumsaa isaan biyya keessati keena jiran hamilee keenya ol kasse jira. ABO qabsoo ummataa Oromoo humni boodeeti deebsuu danda’uu adunya kana irra hin jiru jeechuun dhamsaa ini redio isaan SBO irrati dabarsee ilee dhaamsaa gudaa fi barumsa GPO barsisa jiruu nu mirkaneese jira. Wari maqa Oromootin kabaja isiin hin malee argachuuf diina jala katan yerroon utuu hin darbiin of siiresuu qabduu jeena. Baratoota Jimma University irraa Maqa keenya hin himina. |
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |