|
|
Amma iyyuu Mooraan Qabsoo Oromoo Lukkeewwan irraa
Qulqula’uu Qaba:
Ummata ofii diina jalatti gabromee jiru utuu arganii mataa
gadiiqabatanii jiraachuun salphina guddaa dha. Qabeenya ummata
keenyaa diinni humnaan saamee nyachaa waayta jirutti, maallaqaaf i
qabeenyuma Oromoo keessaa waan diinni qunxuree isaaniif kennutti
qabsoo fi saba ofii gurguratanii diinatti galuun ammoo salphina
salphina caaluu dha. Lammiin saba isaa diinaaf saaxilee ummata isaa
ganu kami iyyuu egereen isaa ykn dhumi isaa gaarii hin ta’u Kabaja
hin qabu, seenaan isaa xura’aa dha. Dhuma irratti saaxilamee qullaa
dhaabbata. Gantuun yoom iyyuu eessatti iyyuu kabaja hin qabdu.
Ergaan diiggaa mooraa qabsoo Oromoo keessatti kan jalqabe
bubbuleera. Murni Wayyaanee, TPLF, mooraa qabsoo Oromoo keessatti
hojjechaa akka turee fi jiru ifatti dubbachaa ture. Maallaqa
doolaara miliyoona 86 ramadee hojeechaa jiraachuun erga dubbatamee
tureera. Maallaqi kun baasii caasaa “Diaspora Directorate ” jedhamu
keessaan namoota garaa isaaniif bulan ittiin bituuf akka ta’e illee
dabalamee ibsamee ture. Waayyaneen Qinijjitiin akka Shunkurtii
ququnciftee fixxe Oromoodhaaf raftee hin bultu waan ta’eef mooraa
qabsoo tiksuun, tokkommaa qabsaa’ootaa tiksuu murteessaa dha dhamsa
jedhu Gumiin Paarlaamaa Oromoo dabarsaa turuun isaas dagatamuu hin
qabu.
Maddi jeequmsaa fi diigumsaa ergama diinaa of keessa qaba, kanaafu
qabsa’ootni dhugaa lagaa fi amantiin wal qooduu irra kaayyoo irrati
cichuun lootee seentuu of keessaa caalaluun barbachisaa dha dhaamsa
jedhuuf deebin ture, “qabsootu qancare, laga abaluufaatu baleese...
malee ergaan diinaa nu keessa hin jiru’ kan jedhu ture. Dhugaan jiru
garuu haa xinnaatuu haa guddatuu dirree qabsoo caalaa diaspora
keessatti balaa Oromoo diinaaf saxilu guddaatu mul’ataa ture,
mul’achaas jira. Haqi qallatee sobi babalatee, farri qabsoo goota of
fakkeessee, wallaalaan beekaa ta’ee beekaan wallaalaa ta’ee,
ayyaan-lallattooti faarfamanii abbaa fi firri qabsoo farra
taasifamanii namoota sab-bonummaa Oromoo gadi dhaaban irratti duulli
maqa- baleessii lagaa fi naannoon irratti geggefamaa turee fi amma
illee hin dhaabbatin jira waan ta’eef xiqqoo dhabbannee itti yaaduun
baayyee barbaachisaa ta’ee jira. Akeeki wayyaanee fi farreenii
Oromoota beektotaa fi sabboontota sabboonummaa Oromoo gadi dhaabanii
fi dhaaba qabsoo bilisummaa bu’uuressanii sadarkaa guddaa iraan
gahan duula maqa balleessii irratti geggeessuun miseensaa fi uummata
biratti fudhatama akka dhaban taasisuu yaaluu dha. Kanattis hanga
tokko milkaawaniiru. Bu’uuressitooti dhaaba bilisummaa Oromoo fi
beektoti Oromoo duula ololaa keessaa fi alaan oofamu hifatanii
adeemsa jiru halaala irraa qasuu qofa erga filatanii bubbuuleera.
Olola diinni oofu caalaa kan keessaan oofamutu harka caalee argame.
Ololli mooraa qabsoo Oromoo keessatti demsifamaa bahee fi jiru
sabboontota Oromoo adda qooduu irratti qooda guddaa gumaache.
Diinni keessaahuu biyya alaa keessatti baroota dhihoo as Oromoota
gandaan qooduu bal’inaan itti jira. Media Oromo fakkaatani halkanii
fi guyyaa kanneen dhaabota Oromoo fi qabsaw’ota Oromoo balaleefachuu
fi qoqqoduu qofa irrati fuulleffatan gaheen isaanii maaal akka ta’e
hundi of gaafachuu qaba. Mooraa qabsoo Oromoo kan diigaa ture
namoota 7 amma diinatti galan qofa jeedhanii yaaduunis gowwummaa
dha. Sababi isaas amalooti gantoota diinatti galanii amma illee
mooraa qabsoo Oromoo keessa akka jiran beekuun fardii ta’a. Namooti
dhaaba keessatti gaafatama ol aanaa irra turanii fi amma gananii
diinatti galan namoota akkamii turan? Yoom, akkamitti sadarkaa
hooggana olaanaatti filamuu danda’an? Ulaagaa isa kamiin? Jedhanii
gaafachuunis barbaachisaa dha.Tarsiimoo kana filachuu keessatti
dogoggora uumameef hoo eenyutu itti gaafatama?Kunis waan deebii
argachuu qabu dha. Har’a hoo mooraa qabsoo Oromoo keessatti maaltu
deemaa jira? Har’a illee kanneen waa’een tokkummaa Oromoo ennaa
dubbatamu akka heexoo itti hadhaawu, waa’een tokkummaa qabsaawotaa
yeroo ka’u gurra achi qabatan, waa’ee garaagarummaa malee waa’ee
tokkummaaa hin dubbanne, gochaalee mooraa qabsoo haphisanii fi
sharafan dalaguu malee waan gaarii hojjechuun seenaa gaarii hin
qabne akka jiran beekuun barbaachisaa dha. Akka summii qaama namaa
seenee yookaan akka gandii saawwa soofee fixuu dhaaba Oromoo
biyyoolessaa fi guddaa soofee fixaa
jiru, dhukkubi guddaan akka keessa jiru namaa galuu qaba. Kana
duubas diinni jiraachuu akka danda’u qormaata baayyee gochuu hin
barbaachisu;Wayyaneen Diaspora Directorate” jettee biyya alaa
keessatti caasaa
; uddaa diriirstitee maallaqa raabsaa jirti. Hojiin isaanii inni
duraa jaarmayaa Oromoo biyya alaa jiru tasgabbii dhorkuu fi diiguu
dha.
Gummin Paarlaamaa Oromoo Mooraa qabsoo diiguuf diinni maallaqa
guddaa ramadee nu facaasaa waan jiruuf qabsaawti Oromoo kaayyoo
isaanii fi qabsoo isaanii tiksuun diina akka of irra qolatan yeroo
adda addaa waamicha dhiyeessaa ture. Keessattuu miseensoonni
Paarlaamaa Oromoo naannoo Keeniyaa turan laga walq qoqooduun deemaa
jiru kessa harki diinaa akka jiru ibsuun, furmata akeekuun, kun
ta’uu baannaan balaa dhaqqabuu danda’u tilmaamanii dhaamsa dabarsaa
akka turan qaamotiin dhimmi ilaalu ni beeku. Waan nu gaddisiise
keessa inni guddaan garuu hooggnni qabsa’oo Oromoo farreena qabsoo
adda baafatanii beekuu dhabuu isaanii caalaa iyyuu jaala qabsoo
dhugaa waliin deemaa jiran adda bafatani beekuu dhabuu isaanii ti.
Warqeen harkaa qaban sibiila isa jedhan ta’ee qabsaawota qabsootti
bilchaatanii fi kaayyoo isaaniif amanamoo ta’aniif ilaalcha gahaa
kennuu dhiisanii namoota akka ririmaa fi qiinqanii jaarmayaa
nyaatanii fixan dhaadhessuu fi ol fuudhanii muka yaabsisuutu kanaan
nu gahe. Wal kabajuu fi seenaa walii katabuu irra seenaa walii
xureessuu fi wal xiqqeessuu, akaksumas hamachuu keenyatu farreenii
fi diinaaf karaa saaqe. Rakkoon jiraachuu osoo agarruu yeroon
gamaaggama goonee waan dabe qajeelchuu dhadhabuu keenyatu gara
dhabamaatti nu geessaa jira
Dhaamsii keenya inni guddaan mana ofii osoo inni hin badin
eggachuu, rakko dhalatuuf ammoo murtii keessa a deebi hin qabne
keenaanfii hojii fuladura jiru hojjechaa deemuu malee waan darbe
odeesaa oluun oduu hojii goodhachu ta’aa. Kanneen jaaramyan Oromoo
yeroo hunda jeequmsa keessa akka jiraatuuf shira dalagan irratti
dammaquun barbaachisaa dha. Qabsoota dhugaa fi kan afaanii adda
baafannee beekuun fardii dha. Amma illee mooraa qabsoo keenya
qulquleesuuf dura foon suma’ee fi foon fayyaa adda caalaluun
jaarmayaa fayyaalessa summiin diinaa keessa hin jirre, qabsoo’ta
dhugaa kaayyoo fi
qabsootti cichan qofa akk ahammatu taasisuun waan yeoon gaafatu
dha.Of qulqulleessine qaawwaa diinni ittiin nu seenuu danda’u ulaa
keenya haa cufannu.Kan gochuun mooraa qabsoo Oromoo cimsuun galii
keenya gahuu dhihootti dandeenya.
Bilisummaa ummataa Oromoof
Gummi Paarlaamaa Oromo
Amajjii 26/ 2010
|
|